Marketing

Kutaa 1ffaa Seensaa Hiikaa sirna Gadaa

Description
Kun waa'ee Sirna gadaa waa xiqqoodha. Sirna bareedaa ,jallatamaa fi kabajamaa mirga nama lubbuu qabuuf kabaja qabu.
Categories
Published
of 12
All materials on our website are shared by users. If you have any questions about copyright issues, please report us to resolve them. We are always happy to assist you.
Related Documents
Share
Transcript
   Kutaa 1ffaa Seensaa Hiikaa sirna Gadaa Sirna Gadaa  sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmayaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni  seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun Uummata Oromoo Gujii biratti hanga ammaatti faashinii jabana kanaatiin osoo hin jeeqamin jeebantummaa (srcinality) ofii eegatee har'aan bayee jira.Kunis seenaa qofaa hin taanee goochaan dhaloonni ammaya’oonis ittin hojjechaa jiraachuu agarsiisa.   Oromoon barnooota hammayyaa qaroomina har’aa Addunyaan fiixee beekumsaa ittiin yaabbate osoo hin qabaatin, Sirna Bulchiinsa walxaxaafi qorannoo waggoota hedduu fud hachuu danda’u, kan jiruufi jireenya namaa karaa hedduudhaan gurmeessee oogganu , Sirna Gadaa; Dimokiraasii dhugaatiin wal bulachaa dhufee jira. Gadaan Oromoo waliin walitti hidhata cimaa ta’e qaba. Jireenya hawwaasa Oromoo guyyaa guyyaa keessatti hiika  addaa kan qabuufi raawwiin jireenyaa martinuu qajeelfama Sirna Gadaa jalatti kan raawwatudha. Sirni Gadaa Jildii 1ffaa Asmaroomiin waabeffatee akka ibsetti,  “Gadaan Sirna waan mara of keessatti qabuufi jireenya Oromoo kallattiimaraan sakatta’udha,”jedha . Gadaan Sirna Dimkiraasii namni marti itti amanee fudhatu, adeemsa hawwaasni ittiin wal hin qoodneen; tokko isa biroo irratti loogii ykn dhiibbaa kamiinillee uumuus ta’e uumsisuu bifa hin dandeenyeen keessatti hirmaatu dha. Kanaaf, Gadaan Sirna Bulchiinsaa hawwaasni Oromoo achii as dhufaan sadarkaalee itti keessatti hirmaatamu ka’ee, walii isaa ittiin oogganaa dhufedha. Adeemsa wal bulchuu sana keessatti Oromoon Waaqa tokkichatti waan amanuuf, Waaqni ammoo miidhaa namaa waan hin feeneef, Oromoon wal qixxumma namaatti haaluma waaqni fedhu sannaan amana. Gadaan ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti fakkeeenyummaa olaanaa bakka hin buufamne qaba, kana jechuun, Sirni Gadaa mataan isaa Dimokiraasiidha jchuu ta’a. Bulchiinsa Sirna Gadaa keessatti aangoon yeroo itti walitti kennaniifi wal harkaa fuudhan qaba. Adeemsi kun fedhiifi yaada namoota dhuunfaa ykn kan garee muraasaan oogganamuufigiddugaleessa godhatu miti. Sadarkaa Gadaa Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sirni Gadaa Jaarmiyaalee damee Siyaasaa, Diinagdee, Hawaasummafi Amantii Sabni Oromoo keessatti gurmaa’uudhaan jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa Sirnaan gaggeessatu akka ta’eedha.  Marsaan Gadaa tokko waggaa 40 qaba. Kana jechuun warri Miseensa Gadaa Harmufaa Baallii kennanii gara aangootti deebi’uudhaaf marsaa Gadaa tokko; waggaa 40 turu jechuudha. Haalli walitti kenna Baallii kun Seera eegee waan raawwatuuf Dimokiraatawaadha, Sirna Gadaa keessatti, kanneen sadarkaa ooggantummaa ykn Bulchiinsa Gadaatti yeroo waggaa saddeet keessatti aangoon itti keennama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti  bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaalee Gadaa umurii irratti hundaa’e keessatti Leenjii adda addaa Bulchiinsa isaan itti deemaniif qopheessu hanga gaafa Marsaan Gadaa isaan ga’ee bulchaniitti dandeettii horatan, muuxannoo kuufatan qabu  Caasaan kunis, qaama olaantummadhaan ykn itti ga afatamummaa yeroo gadooma ‘isaa keessatti kan Oogganu ykn hojjetuudha. Caasaan kun akkuma gosaatti darbee darbe adda addumaa muraasani qabaata ta’a . Haaluma kanaan : -haala kanaan yoo ijaaraman, akkaataa ragaan qorattootaa ibsutti, sadarkaa dursummaafi itti gaafatamummaa hangafummaa kan qabu; fkn Abbaa Bokkuu; hangafaafi Seeraanis olaanaadha.    Dabballooma --------------------------------(waggaa 1-8)    Foollee yookan Gaammoma -------------- (waggaa 9- 24)    Qondaalayookan kuusaa ---------------------(waggaa 25- 33)    Raaba Didiqqaa-------------------------------- (waggaa 34- 38)    Raaba Doorii------------------------------------ (waggaa 39 - 46)    Luba ----------------------------------------------(waggaa 46- 54)    Yubooma------------------------------------------ (waggaa 55- 64)    Gadamoojjii ----------------------------------------(waggaa 65 ol) Dabballee (Ganna 1-8) Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da'imman umurii 1-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannanii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu annan kennaf. Wa’ee safuu bu’uuraa baratu, fkn kan akka gadhee fi gaarii, firaa fi diin a addaan baasuu  baratu. Galgala galgala himtee (myth), taba hiibboo fi seenaa akaakayuu fi abbaabileetuu itti himama. Ittimakoo (Gaammee Didiqqaa) (Ganna 9-16 Mucaa sadarkaa Dabballeerraa rifeensi mataa haadamee, firri waamamee ayyaani guddaan godhamme, kennaan goromsa tokkoo (Gubbisa) erga godhameefii booda gara Sadarkaa Gadaa Ittimakootti (Gaammee Didiqqaa) ce’a. Kana jechaan Hammachiifamee maqaan baafama. Guyyaa hammachiisaa kanaa eegalee maqaa kanaan beekama. Ijooleen Sadarkaa Ittimakoo seenan bara afur booda gaammee haaddatanii, Roggee filatanii, jabii tiksuu, bishaan daakuu, farada gulufuu, sirba sirbuu fi geerarsa geeraruu baratu. Hidda saynii yoo xinaate amma mana kudhatokkoo beekuu qabu. Hojii tiiksaa, qonnaa fi adamoo, morkii ispoortii akkasumas warri durbaa hojjii jirbii fo’uu baratu. Wa’ee siyaasa (mirgaa fi dirqamaa, seeraa) fi hawaasummaa  baratu.  Ayyaana ijoolee ykn guyyaa kabaja ijoolee (ayyaana taaboree), obbolaa fi hiriyaa ofii wajjin ayyaaneffatu. Guyyaa taaboree ijooleen bixxillee nyataa, farsoo dhugaa, sirbaa gammachuudhan dabarsu. Yeroo gaammee haadattanu goromsi tokko dhuunfaatti nikeenamaaf. Karaa uumatiin waggaa 16tti ijoolen areeda fi guntuta baasu, sagaleen isaanii ni jijjiirama. Haaluma kanaan qoodni fi itti-gaafatumman isaanis ni jijjirama jechaadha. Foollee (Gaammee Guguddaa) (Ganna 16-24) Gaammee Didiqqaan Ukkee ykn Unkee jala ba'uudhan gara sadarkaa Foolleetti ce'u. Godoon Ukee ida ijaaramee booda isa keessatti haati gurbichaa waan barbaachisaa ta’an hundaa (fkn Coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffachuu, bixxillee sagal caccabsuudhan itittuu fi aannan itti dhibaasuudhaan) erga qopheessitee booda hiriyoonni isaa bakka argamanitti eebiftee sirni ayyaanaa sirbaan calqabama. Sirbuma kana keessa gurbichi godoo cabsee karaa boroo keessaan  baha. Sana booda ijoolleen maaliif godoo keenya keessa bahe jedhanii dhaanuuf itti fiigu. Innis arreedee ykn dhaadachuudhan harkaa baha, ukee cabsee bahe jedhama. Ijoollummaa keessaa  bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala buluu eegala. Ayyaani ukee kun yeroo gannaa rawwatama. Namni ukkee bahe birraa masqalarratti Giifatoo sirbee horii fudhata. Achumaan Foollee sirbuu itti fufa. Dardaroonni sadarkaa Gadaa Foollee keessa jiran adamoo adamsuu (bineensi akka horii hin nyaane ittisuu) akkasumas barumsa waraanaa fi ispoortii kkf. baratu, biyya irra deemudhaan sirbaa, foolisaa sabaan wal baru. Yeroo buttaan qalamu foolleetu korma kuffisee qaba. Cinaacha korma buttaa akkuma jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka leencaattii wal harkatti ciree nyaata. Yoo sirni  buttaa jalate (seera irraa gore) foolleen korma hin kuffisu, foonis hin nyaadhu jechuuf mirga qaba (fkn namichi buttaa qaluu fedhe nama seera cabsee yoo ta’e). Foollee malee immoo buttaan hin qalamu. Foolleen seera malee nama hin sodaatu, waan jedhuu fedhe, saalfii tokko malee sirbaan ibsa. Foollisaa, yoo fedhe abbaa Gadaa ni faarsa (seera tolchuu irrati jabaa yoo ta’e) ykn niabaara (seera yoo cabse). Dhiisi jedhama malee hinadabamu. Sadarkaa Gadaa Foollee keessati dargagoon siritti biyyas walis baru (hiriyumaadhan wajjin deemu). Booranatti, jalqabaaf koree hayyuu hiriyaa jedhamu namoota jaha kan of keessaa qabu  ofuma isaaniitii filatu. Akkuma sadarkaa Gadaa Ittimakkootii Foolee gidduutis walmorkiin jiru kanuma qaamaa (ispoorti fi dandeetti adamoo kkf.) qofaadha. Yeroo isaanii isa irra caalaa waan wajjin dabarsaniif sirriiti wal beeku. Dur Foolleen yeroo ajjeesu hin gaafatamu, du’ us gumaa seeraan hin qabu jedhama. Qondaala (Kuusaa) (Ganna 24-32) Dursee galmi (masari) guddaan gosa gosatti erga ijaaramee booda hayyoota (koree) Gadaa sadarkaa kanaa hoogganuutu filatama. Alaabaa mallattoo Kuusaa (diimaa adii) kan ta’e erga dhaabatanii booda sirba Xunnee (kan umurii isaanii) fi sirba ce’umsaa Mokkee jedhamu sirbu. Abbootiin ijoolee kanaa (sadarkaa Gadaa Yuuba 3ffaa keesa kan jiranu), bakka faajjiin isaanii itti dhabatte irraa jalqabuudhan sirba Mokkeetiin haadha manaa ofii (haadha ijoolee kuusaa) faarsaa gara bosonaa deemanii damee muka mi’eessaa kan baala qabu muratanii qabatanii deebi’u. Baala mi’eesaa karraatii suuqu. Haadhotiin ammoo bishaan aannaniin makaniii gabatee guutuu dhiyyeesu. Abbootiin ijoolee bishaan aannanii kanaan rifeensa mataa ijoolee ofii laaffisanii irraa erga haadanii booda morma irraati callee godhuuf. Kanati aansee saan eelmamtu tokko jabbii ishii waliin badhaasa kan godhameef fudhatee hiriyyoota ofii wajjin torban lamaaf bakka tokkooti ulma galu. Haadhoonni isaanii achitti Galaa aannan fiduuf. Garuu ijoolleedhaan wal hin arganu. Galaa yeroo kennanu maqaa ilma ofii otoo hin ta'in maqaa gosaa ofiitti waamuu. Torban lama booda wayyaa aadaa ufatanii Liichoo bokkuu xiqqoon itti hidhamee qabatanii galama ulmaa keessaa bahu. Horii badhaasaan fudhatan sana horii warra ofiitti dabalatu. Kana booda ulmaa bahe jedhama. Ayyaani kun boorana keessati Ayyaana Godiyyaa jedhama. Jarreen kun Foollee sirbaa horii sanbi kennuuf qalachaa nyaachaa,  bineensaa fi diina adamsaa bara saddeetif wal-faana turu. Raabaa (Raabaa Doorii) (Ganna 32-40) Ce’umsi sadarkaa Gadaa Kuusaa iraa gara sadarkaa Gadaa Raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu. Hayyoonni warri sadarkaa Gadaa kuusaa keessatti filataman kan du’anii fi ka n dadhaboo ta’an bakka buufatamu malee akkuma jiruti itti -fufuu. Warri sadarkaa Raabaa hoogganan kun Aduulaa Raabaa jedhamuudhan beekamu Ittigaaffatumaan isaanii ini duraa waraana hoogganuu yoo ta’u yeroo nagaa immoo aadaa, seeraa fi Seenaa adda addaa bara tu. Torban tokkoof jaarsolii isaan gorsan (barsiisan) wajjin ardaa-jilaatti ulma galu. Yeroo kana nama biraa waliin dubbachuun dhoowadha. Yeroo ulmaa fixanii bahan hiriyyoon isaansii damee
Search
Tags
Related Search
We Need Your Support
Thank you for visiting our website and your interest in our free products and services. We are nonprofit website to share and download documents. To the running of this website, we need your help to support us.

Thanks to everyone for your continued support.

No, Thanks